መጋላ ስብቲHIRNA
MAGAALA SABTII HIRNA
Baka hundatti kaayyoon daldala dhumti isaa tokkuma iniis gurgurtaafii bittaa dha. Haa ta'u garu Baka tokko Tokkotti haali magaala kun adda addummaa qaba. Magaala Hararghetti Haali magaala kan Naannoo biraattiin adda ta'eedha.
*****
Magaaloota Hararghetti guyyoota magaalatu jira (principal market day) jachuuudha. Guyyaa magaala guddaa kan gurgurtaa fi bittaan akasuma waani adda addaa guyyoota magaala kana keessa ademsifama.
Fkn.
Sabtiin:- Hirna, Baddesa fi dire dhawa
Dhawa fi Harar dabalate guyya
Guyya magaala gudaadha.
Kamisa:- chiro fi Balbaletti guyya
Magaala guddaa dha
Salaasaa:- Galamso fi Mieso guyya
Magaala guddaadha.
Duuba kan arra isin tabachiisuu barbaadu magaala Sabtii Hirnatti. Guyyotni magaala kun maqaa guyyaattiin yamaman.
Fkn
Magaala Sabtii
Magaala kamisa
Magaala salaasa.
Kana kana jachuudhaan yamaman sanumaafi gaa nuttis magaala tenya guddoo magaala Sabtii jacha yaamna.
*****
Magaala Sabtii Hirna kana ummatta Hirna qofa osoo hin ta'in kan Naannoo baadiyoota Hirnattiis itti dhima bahan.
Baki Magaala Sabtii Hirna kun jidduu Ganda 01 fi 02 tti argama. Duuba bake tannatti kan gurgurtaa irraatti baayata shamarani dha. Bakeen kuniis Bal'oo mani irra hin jire (open market) dha. Shamaran daasa fi waan akka zaanxilaa fira qabanii ta'an. Duuba namu kan gabaa Tana gurgurtaaf dhufu Baka qaban bakee kanaaf torbaniitti kafaltii bulchiinsa magaala Hirnattif kafalu dur qarshii 1-2 tti amma garu qarshii 10-20 tti garu shamaran badiyaa gurgurtaaf dhufan kafaltii kana dheefa Baka tokko hin ta'an Baka kiya maa teysaaniis hin jiru.
------
Magaala Sabtii Hirnatti kan gurgurtaaf dhalaawu shamaran badiya irraa waan akka dhadha,deeyma, lukkuu, killee, qibaaba, kudra fi mudra kan kana fakaataniidha. Hadhootti magaala Hirna irraa kan magaalaaf dhalawu waan barbaree, Baaltina, safii, Gaaza, zaaytii fi sogidaa kan kana fakaataniidha.
*****
Duuba shamaran magaala fi badiya waan isaan walfakeessu keessa Haala maalaqa itti qabataniidha. Kuniis "QANDII" dha. Qandiin carqii erga malaqa keesa Kayan booda gubarratti haaddan walitti sur godhanii dha. Gattiin QANDII kana dur sumuniidha amma garu hanga qarshii 3 tti. Hadhootiin tokko tokko malaqa fiinxa foxaan irraatti hidhatanii duuydarratti darbatan kaan imoo mudhii irraatti hidhatan. Haali lamaan kun garu waan Hatuuf Nama saxiiluuf garra "QANDII" debi'a jiru.
-----
Shamaran baadiya kan gurgurtaaf garra Magaala Sabtii dhufan kun Hattuu malaqa irraa buttuu kanaaf Maqaan basaniif Nama ajaibsiisa iniis "sabata Murtuu" yookiin gabaabatti "SABATTOO" jachaa yaaman. Anis haadha tokko maliif "sabata Murtuu" jataniin ja'e gafaadhe " (nuti hatoota kana dheefa malaqa Kenya QANDII keessa Kenya erga wallitti sugisneen booda garra sabataa mudhiira qabnu keesa Kenya yookiin amoo QANDIIN hinnee garratti gad darbiina duuba Hatoota kun sabatniiis irra hin hafne shigireedhaan muranni fuudhan nuttis kanumaafii maqa isaani bareechinne "SABATTOO" jacha yaamnu)" jatte Haala Aja'ibattiin na tabachiistee.
*****
Haali Magaala Sabtii Hirna kana fakaata. Arraaf waa'ee Magaala Sabtii Hirna yoo hangana janne ni gaya. Eega kaniin Ani dagadhe yoo jiraate #comment irraatti na yaadachiisa waa'ee Magaala Sabtii Hirna tan shamaran magaala fi baaddiyyaa irratti hirmaatan tanaratti isiin ja'a.
HANGA KAN BIRRAATTIIN WALII DACHAANUTTI JALALA FI KABAJAA ISIIN BIRRATTI DHIISE HIRNOOYEE !!!
=============\\============
Jalle Michael
Abmichael91@gmail.com
Thursday, 26 May 2016
Hirna-Redio by Jalle Michael
መጋላ ሒርና እና ሬድዬ
MAGAALA HIRNA fi RAADIYOO
(ጃሌ ሚካኤል)
Magaala Hirna Seena ajaiba radio wajjiin wal qabate qabdi. Waa'ee radio manguddoon hoggaa seeneysan Nama maqaa dhahan malee bira hin dabrine jira iniis Ato Birruu ja'ama.
-----
Ato Birruun dhalata Galeeytii ta'u isaa manguddoon tokko tokko dubatu. Ato Birruun zamana Haayle keessa Abbaa qabeenya magaala Hirna ture jachuun dubatu akasuma tajjira Hararghe Oksadee hojjatta mana isaa ta'u isaa ni dubatu.
Ato Birruun Nama yeroo duraa electirika janenetariinidhaan Haala kiraattiin magaala Hirnaattif Ibsa tureedha kafaltiin ji'atti hanga qarshii 10 tti ture Akkasuma kan kafalee hanga galgala irraa sa'aa 3 ifaaf ja'an manguddoon. Seena ifa fi magaala Hirna yeroo biraa itti dachaana Arraaf gara mata dure Kenya kan radio fi magaala Hirnatti haa dachaanu.
-----
Magaala Hirna fi radion zamana Haaylee kana keessa kan wal baran. Ato Birruun Nama yeroo duraaf radio qabaacha tureedha. HIRNOOYEEN hundi mana Ato Birruutti radioona kana dhageefachuuf walitti qabama turan. Haali itti ta'anii dhageefatan taajjirooni kursii irraa miskiini dhagaa irraa taee dhageefatan.
-----
Manguddoon hogga dubatu Arra ja'iinii namni mana Ato Birruu duraan Dabru namuu jiraachuu baatuus gara mana Ato Birruu fuula gale sagadee dabra kanaan walqabate namtichi tokko osoo sagadin dabre akka hidhame turee manguddoon dubatu. Hirnoyeen dur Haala kanaan ture kan radioo dhageefacha turan.
-----
Ani garu kan na ajaibsiisuu HIRNOOYEE amma fi Durii hoggaan garra information qabachuurtiin wal cinnaa qabee laaluu sammii fi dachii dha. Yeroo amma gara salpha ta'een information Adunya arkachuu dandeenyutti nutti garu irraa fagoo jiraa. HIRNOOYEE dur fedhii waa'ee Adunya beeku irraa ka'een dhagaa irra ta'an ture nutti essa jira kana keessatti if haa laalu isiiniin ja'a.
Seena magaala Hirna fi radioo Arraaf hangana jannuu gahaa dha yeroo biraa balinaan itti dachauu dandenya.
===========\\===========

Hirna
HIRNA ሒርና
Magaalaa #Hirna yaa magaalaa aayyaa
Hogguu suma bira ani yaanni kiyyaa
Suman yaadadhaa halkanii fi guyyaa
Yeroon si yaadadhe gad taa'eetin booyaa
Yoomin ijaan argee dhiiroo yaada bayaa?
....
Si biraa deemeetin mi'aa tantee baree
Biyya meeqa dhaqee tan si caaltun garree
Yaa handhuura too bakka dhaloota koo
Yoomiyyuu jiraadhu hin agarin rakkoo!
....
Si keessat dhaladheen si keessat guddadhee
Si keessat baradheen sumaan bayyanadhee
Yaanni koo si bira qaamaanin fagaadhee
Jaboodhan si yaadee garaa dadhabadhe.
....
Magaalaa dureettii tan quufaan yaamamtu
Qabeenyi kee gahaan kan ittiin beekkamtu
Si bira kutellee kan biraatiif hirtu
Hangamillee turtu maddi kee hin citu.
....
Yaa burqaa hayyootaa madda qaroominaa
Iddoo kabajamtuu ardii aadaaf seenaa
Ona Odaa Bultum teessoo Bareentoo-Booranaa
Hawwattuu qalbii ta beeytu simannaa
Magariisa lafaa faaya bareedinaa.
Hamtuu takkan argin jalala siif qabna.
----
Hirnoyee Hirnoyee Hirnoyee
Warri achi jirtan jabaadhaa guddisaa
Hanga nuti dhufnuu hadaraa jabeeysaa!
Hanga nuti dhufnuu hadaraa jabeeysaa!