Sunday 5 June 2016

Thursday 2 June 2016

Oromo Hararghe

   OROMO HARARGHE IJA ETHNOGRAPHY TIIN
   የሐረርጌ ኦሮሞ-በኢትኖግራፊ ዐይን
  {Jalle Michael }
Qoratoonni sabaa, Addaa fi seenaa Oromoon dammee (branch) lama qabdi ja'an. Isaaniis Boranna fi Bareento (Bareentumaa) dha. Dameen duraa Boranna. Dameen lamada Bareento dha.
Bareentoon ilman Shan qaba.
 Isaanis
 Akichuu, dhumuugaa, karrayyuu, murawaa fi Hunbanaa dha.
Hunbannaan:- ilman lama qaba isaaniis Qalloo fi Aniyaa dha.
Murawaan:- ilman tokko qaba iniis Ittuu dha.
-----
Duuba arra bu'urra Oromo Hararghe kan ta'an Gosa sadeen Ittuu, Qalloo fi Aniyaa dha. Haaluma kanaan Ittuun kan arra Hararghe lixa (Chercher) jiran Baka bu'uudha. Qalloo fi Aniyaan imoo kan Hararghe Bahaa Bakka bu'aniidha. Isaan keessa kan baayina qabu Qalloo dha. Gosa afur gurguddaa waan if jalaa qabduuf "Afran Qallo" ja'ame yamama.
*****
 Gosti Afran Qalloo "OBORAA" ( OBORAA awraja dur - jachuun ummatta Barooda fi Qarsa jidduu jiru kan hamatuu dha).
"DAGAAN" ( qarsa ka'ee magaala Harar garra kaabbattiin fi garra kaabba bahaa xuquudhaan hanga jarso fi chinaaksan ummatta jiru kan hamatuu dha).
"BABILEE" ( magaala Harar garra Bahaattiin ka'ee hanga jigjigaa ummatta jiru kan hamatuu dha).
"ALLA" ( fadis fi awraja dur Gaarra mul'ata akasuma Gamoojii ummatta jiru kan hamatuu dha.
----
  Duuba ilman Qallo Afran Obbora, Dagaa, Baabilee fi Ala ta'uun isaani osoo bekamu barrestoni tokko tokko Bakka silaa Dagaa fi Baabilee "jarso fi Nole" akka ilman Qallootti yaaman haa ta'u garu manguddoon Oromo gosti jarso fi Nole "DAGA" jallatti akka ramadaman dubatu.
*****
  Hararghe lixa (Chercher) kan Qubatan Ittuu dha. Oromoon Ittuu Gosa kudhan qabdi. Isaanis:- Babboo, Baayuu, Adooyo, Algaa, Gadullaa, Gaammoo, waayyuu, wachaalee fi warra Qaallutti. Gaaffa Durii Oromoon Ittuu tokko tokkoon isaani "ONA" akka qaban manguddoon Oromo ni dubatu. Fkn
- Tan arra Annaa bokee ja'amtu "ona" Gosa Baayyuutti.
- Hardim kaasee Bordadee hamatuun hanga awash "ona"Gosa Arroojiitti.
- Balbaletti ka'ee Galamsoon hamatuun hanga waacuutti "ona" Gosa Qaalluutti.
- Karra QurQuraa ka'ee Badessa hamatuun hanga Qunnitti "ona" Gosa Baabbottii.
- Tan arra Annaa chiro ja'amtu "ona"Gosa Wacaalleetti.
- Hirnitti "ona" Gosa Algaatti.
Duubii tenya irraatti namni tokko tokko Bakka Gosa Wacaallee " ileelee" busuudhaan akka Gosa Ittuu ja'an garu kuni dogongora.
*****
   Oromoon Aniyaa Gosa torba qabdi. Gosti torban Gosa lamaan "Sadachaa" fi "kudhaalee" irraa dhalatan.
  -  Sadachaa ilman Sadi qaba isaaniis:       Baabboo, Malkaa fi Danbii dha.
- Kudhaalee ilman afur qaba isaanis: Bidduu, Anaa, kooyyuu fi macaa dha.
Akka Qorannootti Sadachaa fi kudhaalee jartoota Aniyaatti isaantu torban ilman Aniyaa dhale dhale ja'an qorattoonni.
Haa ta'u garu Sadachaa fi kudhaalee akka (confederacy) tti fudhachuu qabna.
-----
 Dameen Oromo Hararghe Haala kanaan Gosaan jaraman. Gosa jallatti kan jiru "ibida" ja'amanii yamaman. Tokkoon tokkoon ibada imoo if jallatti "warra" ja'amanii yamaman. Warri Nama tokko hanga bu'urra sanyii gessama. Oromoon Hararghe warra irraa ka'ee ibada xuqee hanga Gosa yaamachuu ni danda'an.
*****
Dhumaratti Osoon hin dubatin waaniin dabru hin barbaane jira. Hangaan barruu kiya xumurutti Abbaan kiya Michael Adem rabbiin rahmatta haa godhuuffii sammuu keessa na marmaara ture sababni Maal isiini fakaata? Tapaan Abbaa kiya wajjiin akana jacha tapachaa tureedha.
Abbaan " Atti Kha enyuuttii?"
Anis kha Michael ja'an.
Abbaan "Michael enyuutti?"
Anis Michael adem.
Abbaan "adem enyuuttii?"
Anis adem ibro tti.
Abbaan " ibro enyuu?"
Anis ibro Robatti.
Abbaan " Roba enyuuttii?"
Anis Roba Bullee tti.
Abbaan "Bullee enyuutti?"
Anis Bulle muddeetti.
Abbaan "muddee enyuutti?"
Anis muddee dhoqeetti.
Abbaan "dhoqee enyuutti?"
Anis dhoqee Ajilleetti.
Abbaan " Ajilee enyuutti?"
Anis ajile bursootti.
Akkatti abba kiya waliin tapachaa ture isiiniis warri akkatti tapachaa turtan akka jirtan Abdiin qaba.

   HORRAA BULLAA!!
 _____________________________________
Abmichael91@gmail.com
Yadanoon barruu Tana Abbaa kiya Michael Adem iif!!

IMALA HIRNA-GAALEEYTII kuttaa 2ffaa

       ሽርሽር ከሂርና-ጋሌይቲ
     IMALA HIRNA-GAALEEYTII
                 {Jalle Michael}
Kuttaa 2ffaa
  Imali Kenya kan Hirna garra Galeeytii kallesa centera magaala Hirnatti kannee hanga Dildila (Ganda Ruubboo) deemne keessatti waan tokko tokko xuuyne jira. Aaras Haaluma kallessaattin imala Kenya itti fuufna hanga Galeeytii Geenyutti.
***
Imali Kenya kan araa erga bultii tokko Ganda Ruubboo booda kilometer 1 deemne gara Ganda wabbaa(Ganda obbaa) dabra. Gandi Obbaa irraa gade Ganda Dildilatti akasuma dhoqa keessa jira. Haala Mogaase maqaa Ganda kana manguddoon Hogaa dubatu "sababni Ganda obbaa itti ja'amte gandootni Naannoo San jiran bishaan dhugaatti fi obbaa Beeyladattiif Ganda obbaa kanatti fayadaman kanaafii gaa (Ganda obbaa) mogaafame" ja'an manguddoon. Garu arra nutti keessafuu jiraatooni magaala Hirna Ganda kana "bishaan OOWaa" jacha yaamna. Sababniis madda OOWaa bishaan yaa'aa male jiruu saniif na fakaata.
Jiraatoni Naannoo Sani "Ganda wabba" jacha yaaman. Kan sila "obbaa" wabbaa ta'un amoo tasa laqoda Afaan irraa dhufe jaeen yaada. Erga Haala kanaan "Ganda Obbaa" laalee Laga keessa banneetti imala Kenya kan Ganda Hagge majjaa dabra.
______
   Duuba namni Garas imalu garra Mirgaatti in ooyrotaan gamatti Gaarra Quufa fi Garra bittaan Dhakaa Albuuda Gimson Gaarra Agamsa gubatti LAALAA deemuun isaa hin oolu. Jiraatooni Naannoo Sani kan ooyruu Laga keessa qabu ooyruu saani Ganna Bona qotacha kaan imoo Ganna malee waan bishaan hin qabneef Dhakaa Gaarra irraa bufate gurgurachaa jiraata jachuu dha. Erga Hagge majjaa genye Seena fi mogaasa Ganda kana baruuf dhabanuulee waan manguddoo arkachuu dhabneef Bira kuna gara "Ganda shilingo".
****
    Gandi Ganda shilingo ja'amu kun mana tokko qofaa jira garu ummata Naannoo Sani dhufan baayeetu jira. Duuba nuttis maliif gandi shilingo ja'ame janne gafanaan akkana jachuun nuutti himan " (Dur Nama dhalaa tokko ture kan Baka tanatti mana kana jaarre Maqaan isii "shilingo"dha  namoonni Laga Galeeytii fi Naannoo Sani dhufan asitti hara fudhatan akasuma fuulee mana shilingo bishaantu jira waan taeef imaltooni  bishaan waraabatani akkuma kenya kana shilingo bira seenen)" jachuun nutti himan. Duuba kan haalaan na ajaibsiisee mogaasa Maqaan Ganda shilingo kanaatii maliif shilingo ja'aniin ja'e gafanan "dur namni Hogaa asitti waa fayadaman kan daaboos,hojjaas,shaiis ta'e sigaaraa kafaltiin shilinguma kafala saniifii gaa maqaa shilingo ja'un mogaafame" jachuu nutti himan. Ammalee dhalaa takka hojjata kan isii "fariha" ja'amtu garu kafaltiin akka Durii mitti akkuma fayadamaniin kafalan. Haala kanaan shilingo bira kune gara "Ganda sadeeqaa" itti dabare.
-----
 Ajaaiba garra Seenaa Ganda sadeeqaa,Galeeytii fi Gaara Agamsatti mee manguddoo irraa haa dhageefanu "(Gaafa dur Nama sadiitu ture  tokko Horii qabaa, kan lamada ra'ee qaba, kan sadaffaa Gaala qaba. Duuba gaaf tokko jarra kana jidduutti Lafa beeyladaan dheduutti waldhabiin umame presdantii isaanii Nama Maqaan Hirnoyee ifjidduutti yaaman. Hirnoyeen Haalaa kanaan jiddutti murtii godhe
 -Abbaa Horiitiin Atti sadeeqaa GAMAS tifadhu Horii kee.
-Abbaa ra'eettiin Atti Gaara Agamsa kana irra tiiyfadhu.
-Abbaa Galaatiin Atti dhoqa garra Laga kanaan tiiyfadhu jachuuudhaan jidduu murtii godhee. Duuba mogaasni maqaa Ganda Bakka murtiin itti kanamte waan taeef "adda Eega" kan jaurra sadeeqaa ta'e. Kan Galeeytii amoo Gaala Eeyddii irraahi)"  ja'an manguddoon. Kan haalaan Nama ajaibsiisuu murtii Hirnoyee tan Abbaa ra'ee tan hanga amma kabajeedha ra'ee isaa gaarruma Agamsa irra tiiyfachuun. Tan jarra kaanii  "achii buttee mila Baker waree" akka ja'an San Tate waleehi liphii Gaala fi Horii hin agare.

*****
 Imala Kenya kan centera magaala Hirna Mana Michael Adem irraa eegelee Dildila Galeeytii irratti xumura Hanga baruu biraattiin wal garu jalala fi kabaja tiya isin bira dhiise gaa Hirnoyee!!
============\\============

Jalle Michael
Abmichael91@gmail.com

IMALA HIRNA-GAALEEYTII

      IMALA HIRNA-GAALEEYTII
       ሽርሽር ከሂርና-ጋሌይቲ
             {Jalle Michael}
  Namni Ganama sa'aa 4dura karra midheeydu deemu barbaade magaaloota oowittuu adda adda fi haala badiya Naannoo Hirna sirritti bekuu danda'a. Aniis imala kiyya kan magaala Hirnatti Hanga Baddiyaa Hirna Galeeytii Haala jiruu fi jirenya ummatta Naannoo ti fi maqoota Gandaattin isiin taphachiisuu Barbadeetti.
---
  Magaalaan Hirna arradda lama qabdii. Hirnitti capital city Anaa Xulootti. namni Hirna garra Galeeytii deemu kan Hirna bahu Baka 370 Ja'amutti. Mogaasni 370 gaaffa karaan Hararghe bahu fageenyi(distance) Addis Ababa (finfine) "370" waan taeef ja'ama. Achii Booda Hanga sadeqatti arradda "lubbu dhaqab" (midheeydu) Ja'amtti. Haali mogaasa maqaan arradda midheeydu Hogaa manguddoon odeessittu "Nama maqaan isaa Hirnoyee ja'amutu mogaase ja'an Haali HIRNOOYEEN midheeydu jachuu itti danda'e midheeyduun Lafa gad tessuuu fi bishaan post,bishaan karra kuffis achii keessan waan deemuuf Lafa magariisa ta'u isiitti HIRNOYEEN akkuma midheeydu keessa baheen Lafa olkaatuu Baka amaa nutti "S S" januun Hogaa gahu arradda itti Aantu jachuuudha Tarkaanfata ja'e mogaase kana jachuun kan midhaga keessa itti Tarkaanfatte jachuuudha jaan manguddoon".
----
*Maqoota Durii fi Amma kan Gandoota arradda "lubbu Dhaqab" laaluun barbaachisaa dha.
   -midheeydu
- Ganda Nabro
- Ganda Ittuu - mana Quraana
- Ganda Birruu
- Ganda Borana - Hafte
- Ganda Dajen
- Ganda Baashaa- Borana
- Ganda juwar- shawshawee
- Ganda Ruubboo- dildila
- Ganda kalkay
- Ganda Daxee
- Ganda Jaarra
- Ganda Dullaa
- Ganda Obaa- Bishaan Oowaa
- Ganda Haggee- Haggee majjaa
- Ganda shilingo
- Ganda adda Eega- sadeeqaa
- Ganda Gala eeydi- Gaaleeytii
Gondootni durra irraa kan Duriitti kan lamada kan ammatti.
------
  Eega garra imala kenyatti haa dachaannu namni Ganama sa'aa 4 dura gad buee kan dura isa Qunnamu magaala Awash kan gurgurtaan fi bittaan Jimmaa itti adeemsifamu eega Garas deemuuf namni transportiin fayyadamu Bajaji. station Bajaj kan garra midheeydu deemu bishaan post fuullee dha. Bajajoonnii sa'aa 4 dura baayiinaan kan hojjattan hanga mana Quraana (Ganda Ittuu) tti tariifni mana Quraana qarshii 3. Sababni sa'aa 4 dura achii itti hojjattan magaalaan Awash tan lamadaa waan achii jirtuufii. Guddinni magaala Tana eega magaalaan awash egalamtee dha. Erga magaala Hirna Batte kan dukkana arkattu Ganda kanatti.  Namni gara dildila deemu sa'aa 4 duraa transportiin akka jabaadha transportiin (kafaltiin) dildila  qarshii 5nni. Garu haalaan kan Nama ajaibsisuu magaalaan oowituun fi dilli Nama fi Bajaj kan wal keessa xaxame San sa'aa 4 booda achii buute ta'u isaanitti.
-----
  Namni gara midheeydu deemu hanga dildilaatti Baka "mana mabaraa"irraa egale garra mirgaattiin "Gaarra Waleenso" tti fi gara Bittattin "bishaan post" fi ooyrota Jimmaa laala deema.
----
  Eega amma Imalii Kenya kan garra Galleeyttii dildila (Ganda Ruubbo) ganyee jira. Ganda kanaaf Maqaan Dildila ja'u yoom akka mogaasamame beku baadhuus sababa "Dildila mettoo" kan Xaliyaan Jarre San ta'u hin oolu natti fakaatta akka manguddoon ganda kana garu maqaa (Damina Obbora kan dura Ganda qubbateen "Ganda Ruubboo")jachaa yaaman.  Duuba Ganda kana keesa sababa duukanoota fi mana wafchoottiin magaalatu jira. Akka namni tokko tokko ja'u Maqaan magaala Tana "magaala xulluqii" ja'amtu dha. Maaliif "xulluqii" ja'aniin ja'e gafanaan " dur namticha tokkottu sangaa isaa gurguree osoo malaqa manatti hin galchiin achumatti looza fi sigaariitti fixe" naan ja'e.
Duuba kan haalan na ajaibsiisee Haalaa gurgurtaafii bittaa magaala tanatti ininis jiraatoni nannoo Sani akka Naannoo biraa Guyyaa magaala hin qaban alada hanga aladatti fayadaman. Dhiira daran kan magaala dhufattu dhalaadha. Haali gurgurtaa magaala "xulluqii" (barter trade) dha Kan magaala dhufu Hundi waan mana qabu fide dhufa kan timaatim qabu timaatim gurgure waan barbaadu bitata, kan Bunna fidees Bunna gurguree salixa fi waan adda Bitata,kan bishiingaa qabu gurguree waan barbaadu bittatte garra mana Galla jachuuudha.
 ========================
  Imala Kenya kuttaa 1ffaa kanaan xumura imala kuttaa 2ffaan hanga walitti Dachaanutti nagayaan tura.
    HIRNOYEE ISIINIIN JALADHA!!!
                                 {Jalle Michael }



 

GAAROOTA HIRNA

 
የሂርና ተራራዎች
GAAROOTA HIRNA
           {Jalle Michael}
1. Gaara Abdurazaq;garii kun magaala Hirna garra Bahatti kan argamu dha.  Garri Abdurazaq nannawa Hirna gara baha hanga Dobaatti qaara. Fayiiddaan Garri kun Hirnaaff qabu Gurgurdaan. -karra Hirna keessa jiru Hundi kan itti Hojjatamu dhakaa Gaarra kanatti Kan Garagaantii jachuun bekamu dha. - fayidaan lammadaa Garra kana irraa Qabrroonni ummatta Hirna kan amantaa adda addaa asirratti fayadamu.
2. Gaarra Waleenso;garii kun magaala Hirna Gara kabbaatti argamu dha. Gaarri kun toora Qaraaruu kana irraa eegale Asphaltii garra chiro deemtuu tana qabattee Hanga Ganda Dildilatti deemuun garra Mirgaatti foxaqa. Garri kun Albuuda Dhakaa limestone ja'amu qaba ummanni Hirna baayinaan kan mana jaaran dhakaa kanaanii kana bira darbee fabrikoota simeentoof geefama.
3. Gaarra Quufa(said Ali); gaarri kun magaala Hirna garra Lixatti kan arkamudha. Garri kun toora Ganda Dildila Baka Abragodaana ja'amtu irraa egalee Hanga Gaara Quuffatti deema.
4. Gaarra Masala; gaarri kun lixa-kibaa magaala Hirnatti kan arkamudha. Gaarri kun Daangaa Annaa Masala fi Xullotti.
5. Gaarra Agamsa; gaarri kun kibbaa magaala Hirnatti kan arkamudha. Gaarri Agamsa garoota birootiin kan addaa ta'u garra Fuulle magaala Hirna dhakaa Albuudni limestone ja'amu qabaachuu isaatti fi garra karraa masalatti Deemuun imoo Dhaka Albuuda Gimson ja'amu qabaachuu dha.                              
Garootni magaala Hirna kun Gaarra Abdurazaq malee Albuuda limestone ja'amu ni qaban Akkasuma Albuuda Gimson qabaachuun isaani jaarmiya manattiif Halaan fayidaa Guddaa qabu. Sababa kananiis magaala Hirnaa investronii adda adda dhufanii Hojacha turan. Dhakaan limestone kun warshaa simiintoodhaa Hojjachuuf 80% akka fayadu ni Beekama. Akkasuma dha kaan Gimson ja'amu warshaa imna baradiif fayiidaa guddaa qaba. Albuuda Gimson kana yeroo amma warshaa itti fayadama kan "soof Umer" ja'amu dha.
Kaayyoon barreefama kana Biya tenya barreeduu tan Albuuda adda adda qabdu tana Adunyaaf Beeksisuun faayidaalee adda adda magaala Hirna fi HIRNOYEEF argamsisuu dha. Akkasuma Hirnoyee Baka adda adda jiran akka biyya isaani midhagduu tan qabeenyaan umamaan Badhaatuu Tana Beekanii qabeenya invest akka godhuu dha.  "በእጅ የያዙት ወርቅ መዳፍ ነው" akka Tane HIRNOOYEE!!

    (Jalle Michael)

Fitwrari Tekle Hawariat fi Hirna

    ፊተውራሪ ተክለ ሐዋርዓት እና ሒርና
   FITWRARI TEKLA HAWARIAT FI HIRNA
    (Jalle Michael)
Carcar erga warrani minilik jala galte bara 1886 bulchaan Carcar General minilik Weld-Gebrel Aba Satan ta'e filame. Kaanbii waraani gara magaala Qunni gessee Qunnetti church Gorgies Jarre gaafana Qunnin capital city carcar Tate hanga magaala Chirotti dabrutti.(Haulk:1971;Hasan:1985)
   Eega Hara warraana minilik jala galte Bulchaan Gutuu Hararghe Ras Mekonin ta'e. Bara Haile Slleisen angorra bahe galiin Ethiopia gudaan qonnaa akka ta'e hubachuudhaan carcar akka model Qonnaatti filatamte kana kan hogannu qabu Nama baratte kan akka Tekle Hawariat fi Dr,Martha or azazh workeneh kanaaf yadaman. (Greenfield 1969)
 
     Tekle Hawariat bara 1923tti bulchaa carcar ta'e filatame. Gaafana capital city Qunni irra gara Hirnatti jijiruu barbaadde. Sababni jijiruu itti baarbaada ja'e H/S dhaleesi.(Bahru;1969)
  Qunnin haalan qabanawu, qilleensa,garra gubba ta'uu isii fi bishaan dhabuu isiitti.
Sababni Hirna itti filachuu danda'e.
Bulchaa Carcar ta'u isaatiin Dura magaala Hirna bara 1913-14 waan jiraatef Hirnitti qonnaaf akka mijeeytuu Tate fi qilleensa midhaga akka qabdu beeku isaati. Garu akka carra ta'e H/s hayyama dhorkate.
   Bara 1924 capital city carcar chiro akka ta'u filate. Sababa mogaasa maqaa irratti Fitwrariin Haala kanaan dubbata.
  "የቆረቆርከውን ከተማ ምን ብለህ ትስይመለህ" ሲሉ በጥፈት ጠየቁኝ። እኔም "በጥንት ስሙ ጭሮ እለዋለው፤አለበለዚያም ባጠገቡ ሞቲ የሚባል ጋራ አለና ሞቲ እለዋለው"ስል መለስኩላቸው።

"አስበ ተፈሪ" ብለህ ስይመው ብለው በድጋሚ ጣፉልኝ።

"በቁምዎ ለራስዎ ስያሜ ከማውጣት ህዝቡ በኃላ መታስቢያ ብሎ አውቆ በስምዎ ቢስይመው ይሻላል"ስል ጣፍኩላቸው።

 "እኛ እንዳልንህ አድርግ" ሲሉ በመቀያም ዐይነት ጣፉልኝ።

ብዙ ስዎች ለመደለያ ስል፤እኔ"አስበ ተፈሪ"ብዬ ከተማዋን የስየምኩ መስሏቸዋል።እኔ ግን ይህንኑ ለመግለጥ አጋጣሚ ሲፈቅድልኝ አልቦዘንኩምና  "አንተ የስየምክ መስሎን አምተንህ ነበር" እያሉ ይገረማሉ። (አፈንዲ ሙተቂ:2006:ገፅ:148-149)
Sababoota kanneen armaan olitti ibsuuf yaaleen waldhabiin lamaan jiddutti umame ture. Capital city carcar chiro tatule Tekle Hawariat hojjilee isaa tan bara 1920 magaala Hirnatti egale ture hin dhaabne

   Kaayyoon barreefama kana Bu'aa Tekle Hawariat fi Hirna jachuun kaafne Yaalii magaala Hirna capital city carcar jadhuuf yaalle bira dabre, Buaalee magaala Hirnaf bussee hanga beynu irra wal barbarsiisuu dha.

   Buaan Hirnaaf busse hangana janne waan dubachatamutti haa garu dubachu hin oolu.   Bu'aan gurguddoon Hirnaff.
1. master plan Ganda 01 fi karra gudda Ganda 01 haala bareda taen hojjatte.
2. Sarara bilbila magaala Hirna galche.
3. Bake bitta gurgurta hojjatte.
4. Kara daldala harren imalan kan Hirna gara dire dhawa hojjatte.
5. Baarzaafii adii biyya alatti fide Akkasuma.
6. Abuukoo Fitwrari fide.               Bu'aaleen Tekle Hawariat Hirnaff busse isa kana jannu mitti. Nutti hundi isaaneen akka Fitwrari, Abdurazaq Mohammed, ma'aza Biru fakenya godhachuun magaala tenya qashtiiff buaa bussu qabna ja'ettiin yaada.
Jiruuffi jireenya Fitwrari magaala Hirna keessa jiraate waldhabiin waan jiruuf yeroo biraa bal'naan itti dachaana.

 WARRA MAGAALA TENYA QASHTIIDHAAF HOJJIILEE BABAREDUU AkKANA HOJJATTAN MAQAA HIRNOOYEETTIIN GALATOOMFADHA !!!!!!
     

Thursday 26 May 2016

Hirna Saturday market

      መጋላ ስብቲHIRNA
   MAGAALA SABTII HIRNA
  Baka hundatti kaayyoon daldala dhumti isaa tokkuma iniis gurgurtaafii bittaa dha. Haa ta'u garu Baka tokko Tokkotti haali magaala kun adda addummaa qaba. Magaala Hararghetti  Haali magaala kan Naannoo biraattiin adda ta'eedha.
*****
  Magaaloota Hararghetti guyyoota magaalatu jira (principal market day) jachuuudha. Guyyaa magaala guddaa kan gurgurtaa fi bittaan akasuma waani adda addaa guyyoota magaala kana keessa ademsifama.
 Fkn.
      Sabtiin:- Hirna, Baddesa fi dire dhawa
                     Dhawa fi Harar dabalate guyya
                    Guyya magaala gudaadha.
    Kamisa:- chiro fi Balbaletti guyya
                     Magaala guddaa dha
    Salaasaa:- Galamso fi Mieso guyya
                     Magaala guddaadha.
Duuba kan arra isin tabachiisuu barbaadu magaala Sabtii Hirnatti. Guyyotni magaala kun maqaa guyyaattiin yamaman.
Fkn
Magaala  Sabtii
Magaala kamisa
Magaala salaasa.
Kana kana jachuudhaan yamaman sanumaafi gaa nuttis magaala tenya guddoo magaala Sabtii jacha yaamna.

*****
Magaala Sabtii Hirna kana ummatta Hirna qofa osoo hin ta'in kan Naannoo baadiyoota Hirnattiis itti dhima bahan.
Baki Magaala Sabtii Hirna kun jidduu Ganda 01 fi 02 tti argama. Duuba bake tannatti kan gurgurtaa irraatti baayata shamarani dha. Bakeen kuniis Bal'oo mani irra hin jire (open market) dha. Shamaran daasa fi waan akka zaanxilaa fira qabanii ta'an. Duuba namu kan gabaa Tana gurgurtaaf dhufu Baka qaban bakee kanaaf torbaniitti kafaltii bulchiinsa magaala Hirnattif kafalu dur qarshii 1-2 tti amma garu qarshii 10-20 tti garu shamaran badiyaa gurgurtaaf dhufan kafaltii kana dheefa Baka tokko hin ta'an Baka kiya maa teysaaniis hin jiru.

 ------
   Magaala Sabtii Hirnatti kan gurgurtaaf dhalaawu shamaran badiya irraa waan akka dhadha,deeyma, lukkuu, killee, qibaaba, kudra fi mudra kan kana fakaataniidha. Hadhootti magaala Hirna irraa kan magaalaaf dhalawu waan barbaree, Baaltina, safii, Gaaza, zaaytii fi sogidaa kan kana fakaataniidha.

*****
  Duuba shamaran magaala fi badiya waan isaan walfakeessu keessa Haala maalaqa itti qabataniidha. Kuniis "QANDII" dha. Qandiin carqii erga malaqa keesa Kayan booda gubarratti haaddan walitti sur godhanii dha. Gattiin QANDII kana dur sumuniidha amma garu hanga qarshii 3 tti. Hadhootiin tokko tokko malaqa fiinxa foxaan irraatti hidhatanii duuydarratti darbatan kaan imoo mudhii irraatti hidhatan. Haali lamaan kun garu waan Hatuuf Nama saxiiluuf garra "QANDII" debi'a jiru.
-----
 Shamaran baadiya kan gurgurtaaf garra Magaala Sabtii dhufan kun Hattuu malaqa irraa buttuu kanaaf Maqaan basaniif Nama ajaibsiisa iniis "sabata Murtuu" yookiin gabaabatti "SABATTOO" jachaa yaaman. Anis haadha tokko maliif "sabata Murtuu" jataniin ja'e gafaadhe " (nuti hatoota kana dheefa malaqa Kenya QANDII keessa Kenya erga wallitti sugisneen booda garra sabataa mudhiira qabnu keesa Kenya yookiin amoo QANDIIN hinnee garratti gad darbiina duuba Hatoota kun sabatniiis irra hin hafne shigireedhaan muranni fuudhan nuttis kanumaafii maqa isaani bareechinne "SABATTOO" jacha yaamnu)" jatte Haala Aja'ibattiin na tabachiistee.

*****
Haali Magaala Sabtii Hirna kana fakaata. Arraaf waa'ee Magaala Sabtii Hirna yoo hangana janne ni gaya. Eega kaniin Ani dagadhe yoo jiraate #comment irraatti na yaadachiisa waa'ee Magaala Sabtii Hirna tan shamaran magaala fi baaddiyyaa irratti hirmaatan tanaratti isiin ja'a.
 HANGA KAN BIRRAATTIIN WALII DACHAANUTTI JALALA FI KABAJAA ISIIN BIRRATTI DHIISE HIRNOOYEE !!!
=============\\============
  Jalle Michael
Abmichael91@gmail.com