Thursday 2 June 2016

Oromo Hararghe

   OROMO HARARGHE IJA ETHNOGRAPHY TIIN
   የሐረርጌ ኦሮሞ-በኢትኖግራፊ ዐይን
  {Jalle Michael }
Qoratoonni sabaa, Addaa fi seenaa Oromoon dammee (branch) lama qabdi ja'an. Isaaniis Boranna fi Bareento (Bareentumaa) dha. Dameen duraa Boranna. Dameen lamada Bareento dha.
Bareentoon ilman Shan qaba.
 Isaanis
 Akichuu, dhumuugaa, karrayyuu, murawaa fi Hunbanaa dha.
Hunbannaan:- ilman lama qaba isaaniis Qalloo fi Aniyaa dha.
Murawaan:- ilman tokko qaba iniis Ittuu dha.
-----
Duuba arra bu'urra Oromo Hararghe kan ta'an Gosa sadeen Ittuu, Qalloo fi Aniyaa dha. Haaluma kanaan Ittuun kan arra Hararghe lixa (Chercher) jiran Baka bu'uudha. Qalloo fi Aniyaan imoo kan Hararghe Bahaa Bakka bu'aniidha. Isaan keessa kan baayina qabu Qalloo dha. Gosa afur gurguddaa waan if jalaa qabduuf "Afran Qallo" ja'ame yamama.
*****
 Gosti Afran Qalloo "OBORAA" ( OBORAA awraja dur - jachuun ummatta Barooda fi Qarsa jidduu jiru kan hamatuu dha).
"DAGAAN" ( qarsa ka'ee magaala Harar garra kaabbattiin fi garra kaabba bahaa xuquudhaan hanga jarso fi chinaaksan ummatta jiru kan hamatuu dha).
"BABILEE" ( magaala Harar garra Bahaattiin ka'ee hanga jigjigaa ummatta jiru kan hamatuu dha).
"ALLA" ( fadis fi awraja dur Gaarra mul'ata akasuma Gamoojii ummatta jiru kan hamatuu dha.
----
  Duuba ilman Qallo Afran Obbora, Dagaa, Baabilee fi Ala ta'uun isaani osoo bekamu barrestoni tokko tokko Bakka silaa Dagaa fi Baabilee "jarso fi Nole" akka ilman Qallootti yaaman haa ta'u garu manguddoon Oromo gosti jarso fi Nole "DAGA" jallatti akka ramadaman dubatu.
*****
  Hararghe lixa (Chercher) kan Qubatan Ittuu dha. Oromoon Ittuu Gosa kudhan qabdi. Isaanis:- Babboo, Baayuu, Adooyo, Algaa, Gadullaa, Gaammoo, waayyuu, wachaalee fi warra Qaallutti. Gaaffa Durii Oromoon Ittuu tokko tokkoon isaani "ONA" akka qaban manguddoon Oromo ni dubatu. Fkn
- Tan arra Annaa bokee ja'amtu "ona" Gosa Baayyuutti.
- Hardim kaasee Bordadee hamatuun hanga awash "ona"Gosa Arroojiitti.
- Balbaletti ka'ee Galamsoon hamatuun hanga waacuutti "ona" Gosa Qaalluutti.
- Karra QurQuraa ka'ee Badessa hamatuun hanga Qunnitti "ona" Gosa Baabbottii.
- Tan arra Annaa chiro ja'amtu "ona"Gosa Wacaalleetti.
- Hirnitti "ona" Gosa Algaatti.
Duubii tenya irraatti namni tokko tokko Bakka Gosa Wacaallee " ileelee" busuudhaan akka Gosa Ittuu ja'an garu kuni dogongora.
*****
   Oromoon Aniyaa Gosa torba qabdi. Gosti torban Gosa lamaan "Sadachaa" fi "kudhaalee" irraa dhalatan.
  -  Sadachaa ilman Sadi qaba isaaniis:       Baabboo, Malkaa fi Danbii dha.
- Kudhaalee ilman afur qaba isaanis: Bidduu, Anaa, kooyyuu fi macaa dha.
Akka Qorannootti Sadachaa fi kudhaalee jartoota Aniyaatti isaantu torban ilman Aniyaa dhale dhale ja'an qorattoonni.
Haa ta'u garu Sadachaa fi kudhaalee akka (confederacy) tti fudhachuu qabna.
-----
 Dameen Oromo Hararghe Haala kanaan Gosaan jaraman. Gosa jallatti kan jiru "ibida" ja'amanii yamaman. Tokkoon tokkoon ibada imoo if jallatti "warra" ja'amanii yamaman. Warri Nama tokko hanga bu'urra sanyii gessama. Oromoon Hararghe warra irraa ka'ee ibada xuqee hanga Gosa yaamachuu ni danda'an.
*****
Dhumaratti Osoon hin dubatin waaniin dabru hin barbaane jira. Hangaan barruu kiya xumurutti Abbaan kiya Michael Adem rabbiin rahmatta haa godhuuffii sammuu keessa na marmaara ture sababni Maal isiini fakaata? Tapaan Abbaa kiya wajjiin akana jacha tapachaa tureedha.
Abbaan " Atti Kha enyuuttii?"
Anis kha Michael ja'an.
Abbaan "Michael enyuutti?"
Anis Michael adem.
Abbaan "adem enyuuttii?"
Anis adem ibro tti.
Abbaan " ibro enyuu?"
Anis ibro Robatti.
Abbaan " Roba enyuuttii?"
Anis Roba Bullee tti.
Abbaan "Bullee enyuutti?"
Anis Bulle muddeetti.
Abbaan "muddee enyuutti?"
Anis muddee dhoqeetti.
Abbaan "dhoqee enyuutti?"
Anis dhoqee Ajilleetti.
Abbaan " Ajilee enyuutti?"
Anis ajile bursootti.
Akkatti abba kiya waliin tapachaa ture isiiniis warri akkatti tapachaa turtan akka jirtan Abdiin qaba.

   HORRAA BULLAA!!
 _____________________________________
Abmichael91@gmail.com
Yadanoon barruu Tana Abbaa kiya Michael Adem iif!!

No comments:

Post a Comment