Thursday, 26 May 2016

Hirna-Redio by Jalle Michael

     መጋላ ሒርና እና ሬድዬ
MAGAALA HIRNA fi RAADIYOO
       (ጃሌ ሚካኤል)
Magaala Hirna Seena ajaiba radio wajjiin wal qabate qabdi. Waa'ee radio manguddoon hoggaa seeneysan Nama maqaa dhahan malee bira hin dabrine jira iniis Ato Birruu ja'ama.
 -----
  Ato Birruun dhalata Galeeytii ta'u isaa manguddoon tokko tokko dubatu. Ato Birruun zamana Haayle keessa Abbaa qabeenya magaala Hirna ture jachuun dubatu akasuma tajjira Hararghe Oksadee hojjatta mana isaa ta'u isaa ni dubatu.
  Ato Birruun Nama yeroo duraa electirika janenetariinidhaan Haala kiraattiin magaala Hirnaattif Ibsa tureedha kafaltiin ji'atti hanga qarshii 10 tti ture Akkasuma kan kafalee hanga galgala irraa sa'aa 3 ifaaf ja'an manguddoon. Seena ifa fi magaala Hirna yeroo biraa itti dachaana Arraaf gara mata dure Kenya kan radio fi magaala Hirnatti haa dachaanu.
-----
   Magaala Hirna fi radion zamana Haaylee kana keessa kan wal baran. Ato Birruun Nama yeroo duraaf radio qabaacha tureedha. HIRNOOYEEN hundi mana Ato Birruutti radioona kana dhageefachuuf walitti qabama turan. Haali itti ta'anii dhageefatan taajjirooni kursii irraa miskiini dhagaa irraa taee dhageefatan.
-----
Manguddoon hogga dubatu Arra ja'iinii namni mana Ato Birruu duraan Dabru namuu jiraachuu baatuus gara mana Ato Birruu fuula gale sagadee dabra kanaan walqabate namtichi tokko osoo sagadin dabre akka hidhame turee manguddoon dubatu. Hirnoyeen dur Haala kanaan ture kan radioo dhageefacha turan.
-----
  Ani garu kan na ajaibsiisuu HIRNOOYEE amma fi Durii hoggaan garra information qabachuurtiin wal cinnaa qabee laaluu sammii fi dachii dha. Yeroo amma gara salpha ta'een information Adunya  arkachuu dandeenyutti nutti garu irraa fagoo jiraa. HIRNOOYEE dur fedhii waa'ee Adunya beeku irraa ka'een dhagaa irra ta'an ture nutti essa jira kana keessatti if haa laalu isiiniin ja'a.
Seena magaala Hirna fi radioo Arraaf hangana jannuu gahaa dha yeroo biraa balinaan itti dachauu dandenya.
===========\\===========
Jalle Michael
Abmichael91@gmail.com

No comments:

Post a Comment