Thursday, 26 May 2016

Hirna


HIRNA ሒርና
Magaalaa #Hirna yaa magaalaa aayyaa
Hogguu suma bira ani yaanni kiyyaa
Suman yaadadhaa halkanii fi guyyaa
Yeroon si yaadadhe gad taa'eetin booyaa
Yoomin ijaan argee dhiiroo yaada bayaa?
....
Si biraa deemeetin mi'aa tantee baree
Biyya meeqa dhaqee tan si caaltun garree
Yaa handhuura too bakka dhaloota koo
Yoomiyyuu jiraadhu hin agarin rakkoo!
....
Si keessat dhaladheen si keessat guddadhee
Si keessat baradheen sumaan bayyanadhee
Yaanni koo si bira qaamaanin fagaadhee
Jaboodhan si yaadee garaa dadhabadhe.
....
Magaalaa dureettii tan quufaan yaamamtu
Qabeenyi kee gahaan kan ittiin beekkamtu
Si bira kutellee kan biraatiif hirtu
Hangamillee turtu maddi kee hin citu.
....
Yaa burqaa hayyootaa madda qaroominaa
Iddoo kabajamtuu ardii aadaaf seenaa
Ona Odaa Bultum teessoo Bareentoo-Booranaa
Hawwattuu qalbii ta beeytu simannaa
Magariisa lafaa faaya bareedinaa.
Hamtuu takkan argin jalala siif qabna.
----
Hirnoyee Hirnoyee Hirnoyee
Warri achi jirtan jabaadhaa guddisaa
Hanga nuti dhufnuu hadaraa jabeeysaa!
Hanga nuti dhufnuu hadaraa jabeeysaa!

No comments:

Post a Comment